SENSA
Oromootnii biyyaa Malta qubannee jirruu gafa 14. 11. 2009 Magaala Vallettaa tti Walgahii geggeeffanee. Waligahii kana irrattii qooda kan fudhatan oromoota biyyaa Malta keessaa jiraannuu fi akkasummas namooti ummataa Ogadeen irra yeroo tahuu Hogganna ABO bakka bu’udhaan kan walgaahii kana irraati argamaan J/Dr Shuggux Galata Miseensaa Gumii Saba fi itti gafataamma hujii Dipilomassi ABO Awuroppaa-tti.
Walgahiin kun Faaruu Alabba oromoo booda yaadannoo gotoowwan qabsoo bilsuumma oromoo irratti wareegaman yaadachun eegalame. Kannatti fufuun J/Dawiit Takile Dura ta’an cayyaa ummatta ABO Biyyaa Malta sagantaa walgahíi kana ergaa beeksisani booda J/Dr.Shuggux Galata akka walgaahii kana sirnaan banaani dhimma qabsoo bilisumma oromoo irratti ibsa akka kennaan afeeramani J/ Dr.Shugguxiis ergaa walgaahii kanna sirnaan banaani booda haala adunya fi Mootummaa wayyanee akksaumaas haala mormitoota biyyaa keessafi alaa, haala moona qabsoo bilisummaa oromoo fi sochii ABO amma irra jiruu bal’inaan ibsan jiru. kannaatti fufuunis Mootumman wayyanee filmmata bara dhufuu akumma kanan duraa maqaaf fakkeessaf qofaa kan geggeesuf deemuu yeroo tahuu amuumaa kassee sochi namoota dangessuu akkasumaas bifa adda adda tohadhaa ummataa irratti gochuun namootii na hinfilaan jedhee yaadee maraa garaa mana hidhaa fi jeequmsaa adda addaa irran gahaa jira jechuun ibsaanii waligalaa toftaa fi tarisimmoo Mootumman TPLF-n dursaamuu kunii filmataa kanaaf kawwatee jiruu maraa saxiilan jiruu..
Akkasumaas sochii ABOn bifa maraan itti jiru hirmatootaa walgahii kanaaf ergaa keennamee booda gaaffileen adda addaa hirmatoota irra dhiyatee mariin bal’aa tahee walgahiin Hawaasa kunii afuuraa nama gamachiisuun xumuraamee.
Walgahii Hawaasa kunii erga milkiin xumurannee boodaa itti fuufuun walgahii ca’aa Ummataa ABO irratti haala Jarmaan ABOn keessaa jiru mariin bal’inan fi ibsi gahaan ergaa karaa J/ Dr Shuggux keennamee booda murtii fi ejjennoolee armaan gadii Ca’aan Ummataa ABO biyyaa Maltaa dabarfatee jira.
Murtii fi Ejjennoo:
- Wanjjoo gabrummaa Mootumma habashoota of irraa fonqolchuu fi qabsoo uummani oromoo gurmuun gegeessa jiruu ni deggaraa.
- Waldhibdee jarmayya ABO kessati bara 2001 fi2008 dhalatee ture karra nagaan hiikuuf yaalii godhamaa jiruu ni deeggaraa
- Misensootti W.B.O.zonii kibbaa tokummaa qabsa’otaa moora Qabsoo Bilisummaa Oromoo tikisuun murteessa taúu hubbachudhan ibsa ejjennoo isan onkoloolessaa 13 bara 2009 dabbarfatan ni tumsna.
- Ummatni oromoo biyyaa amba adda adda keessaa jiruu rakkoo rorroo wayyaaneen ummataa oromoo irran gahaa jiruu Mootumootii Demokratawwaa fi Jarmoolee adunyaa garaa gariitti akka iyyatan dhamanna.
- Ummatti oromoo biyyaa kessaafi alaa harkaa w alqabachuun kayyoo mootumma wayyaane yoomuu caala irratti qabsaún yeroon issa amma wan ta’eefi tokkumman irratti akka kaanuu waamicha oromumma oromoota maraaf dabarfanna.
- Qabsoo ummata oromoo ABOn durfamuu dadhaabsisuuf hojji diin nu giduuti rawwaatu irratti dammaqiinsaan oromoon maartii akka dura dhabbatuu waamchaa goona.
- ABOn Humnootii Siyaasa Demokratwwaa fi Kan hiree ofiin murteeffanaa sabaatti amanaan fakeenyaaf kan ONLF, SLF waliin tumsaa Qabsoo kufisuu Mootummaa wayyanee irratti godhuu ni deeggarraa.
IUOf!!!
Cayyaa Ummataa ABO biyyaa Malta
14.11.09, Valettaa, Maltaa
|